Genesis 43:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri waan namichaa geesani sunifi beese mid'aaniini bitatani haga duri kaani ira maro lama fuud'ani, Benjaminile woliini kaani, lafa Misiri d'aqani, fuula Yusufu dura d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu namoonni sunniin kennaa gara garaa, qarshi'ii fi Biiniyaamiinillee qabatanii gara biyya Misirii Yooseefiin bira gad bu'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre obboleeyyan sun kennansa sanii fi beesee harka lama san, Beniyaaminille fuudhanee, gara biyya Gibxi'ii ka'ane. Isaan dhaqanee Yoseef dura dhaabbatane.