Genesis 43:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato manati geesanu, worri nahe waan jed'e, Waan armaani nu d'ufanifi maro beese subba keenna keesati deebisanifi, amma hegeri maruma toko nu had'ani harrele teenna guuratani tisse nu tolfatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan mana Yooseefii waan seenaniif guddisanii sodaatanii «Inni waan qarshii duraan qabannee galle saniif nutti ka'ee nu miidhuu heda; nu garboonfatee harriin teennallee nu irraa fudhachu'uuf nu seensise» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti sun gara mana Yoseefii waan geeffamaneef sodaatanee, «Nuuti waan beesee gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keennaa keessa keyanteef, achi geeffamaarra. Inni nu lolee, harree teenna fudhatee, garboota ifii nu godhata» jedhanee yaadane.