Genesis 43:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba sagale mesa Yusufuuni irati nyaatu iraa fuud'ani worra ch'ufaa kennani, ammo sagale Benjamini kennani ta worra kaani ira maro shani dabarsani. Duuba nyaatani d'ugani quufani, Yusufu woliini gammadani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseef isaan maraafuu nyaata dhiyeessisiiseef; nyaanni Biiniyaamii dhiyeesse ammo harka shaniin ka kaawwanii caala; isaanillee nyaatanii dhuganii isa woliin gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qorii Yoseefii irraa sagalee fuudhanee isaaniif kennanee, Beniyaaminiif ammoo worra kaan caalaa harka shan kennane. Akka kanaan obboleeyyan Yoseefii isa woliin nyaatanee unanee guddoo gammadane.