Genesis 44:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yudaani waan jed'eeni, Nu maani siini jenna, Aabbo? Akami jenne ufi qulqulleesina? Waaqi ya ch'ubbu teenna mullise, nuuni ch'ufti amma tana tisse teeti, nama muduunu irati argani ch'allaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan «Nu gooftaa keennaa maal deebifna? maal jennaanille'e? yookaan maali'iin qulqulloofna? Rabbi waan cubbuu garboota teetii ol baasee mudhiseef; nu'uu fi ka geeboon harkatti argamellee garboota gooftaa keennaa haa taanuu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudaan deebisee, «Nuuti goottaa kiyyaan maan jenna ree? Yakkaameyyii akka hin te'in attamiin ifi mudhisuu dandeenna ree? Waaqi yakkaa teenna mudhiseera; nama muduunuun irratti mudhatte qofa adoo hin te'in, nuuti martinuu garboota teeti hin teenna» jedhe.