Genesis 44:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu waan siini jenne, Nu abba inqamna, inni jaarsa; oboleesa maand'ichale inqamna, ka inni jaaruma keesa d'ale. Oboleesi gurba suni ka garaa injiru, garaani haad'a suni isuma ch'allati hafe, tanaafi abbaani isa guddo jaalate jenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
nullee gooftaa keennaan ‹Abbaa jaare qabna; mucaan diqqaan abbaan keenna jaarruma keessa uumatellee hin jira; obboleessi mucaa kanaa hin du'e; ijoollee haadhaa keessaa inni callaan waan hafeef abbaan hin jaalataan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuutille, ‹Abbaa jaarsa qanna. Obboleessa maandhicha abbaan keenna dulluu keessa uumate qanna. Obboleessi ilma maandhicha kanaa du'eera; ijoollee haati isaa dheette keessaa ka jiru isa qofa waan te'eef, abbaan keenna guddoo isa jaalata› jenneerraayyu.