Genesis 45:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuuni hojattu ufii durati ufi d'owu dad'abe jennaani waan jed'eeni, Isani ch'ufti na biraa baha. Tanaafi yo inni oboleyaani isaa ufi beesise, nami tokoleeni isa bira injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseef namoota isa bira dhaabatan maraa afo'otti obsuu dadhabee laagaa ufii ol qabatee «Namoota kanniin na irraa baasaa'a» jedhee dubbate; inni eennuun akka ta'e hennaa obboleewwan ufiititti himu, namni biraa ka achi dhaabate hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yoseef worra isa bira dhaabbatu mara duratti ifi qabatuu dadhabee, «Namoota mara na irraa gad baasa'a» jedhee ajaje; yennaa Yoseef obboleeyyan ifiititti eennummaa ifii hime nami tokkolle isa woliin hin jiruuyyu.