Genesis 45:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yusufuuni waan jed'eeni, Me gadi hiiqa. Worri iti hiiqe jennaani inni waan jed'eeni, Anini oboleesa keesani Yusufu, ka isani bunat'u lafa Misiriti gurgurtani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yooseef obboleewwan ufiitiin «As natti siiqaa'a» jedhe; isaanillee itti siiqan; inni «Ani obboleessa keessan Yooseef ka isin worra biyya Misiriititti gurgurattan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Gara kiyya dhikaadha'a» jedhe. Isaanille gara isaa dhikaatane. Innille isaaniin, «Ani obboleessa keessan Yoseef, ka isin gara biyya Gibxi'ii gurgurtane.