Genesis 46:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yusufuuni waan oboleyaani isaatiifi worra abba isaa ch'ufaani jed'e, Anini d'aqe waan Faraoni jed'u, Oboleyaani tiyyafi worri abba kiyya ch'ufti, ka duri lafa Kanaani keesa tau, ya nati d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Yooseef obboleewwan ufiitii fi maatii abbaa ufiitiin akkana jedhe «Ani dhaqee Fari'ooniin ‹Obboleewwan tiyya ta biyya Kana'aanii jiranii fi maatiin abbaa kiyyaa natti dhufaniiran;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin Yoseef obboleeyyan ifiitii fi maatii abbaa ifiitiin, «Ani ol deemee mootichaan, ‹Obboleeyyan tiyyaa fi maatiin abbaa kiyyaa ka lafa Kana'aanii turane gara kiyya dhufaneeran.