Genesis 47:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni suni hobae jennaani ammalle fulla isaa d'ufani waan jed'aniini, Aabbo, wonti si d'ossinu injirtu, beeseeni ya nuraa hobaate, horiini keenna ch'ufti amma keeti. Sai toko nu dura ineju, lubbufi oobru male waan d'ibi ka si baamnu inqamnu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaan sun dhumnaan woggaa lammeesso'oollee gara isaanii dhufanii «Nu'u gooftaa keenna hin dhoffannu qarshiin keenna maruu nu jalaa dhume; horiin loonii keenna ammo gooftaa keenna bira jira; nu lafa tanaa fi uf malee womaa hin qabnu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woggaan sun yennaa dabarte, woggaa itti aantu isaan gara isaa dhufanee, «Beeseen teenna akka dhumatte, horiin keennalle keeti akka te'e, si goottaa keenna hin dhossinu; nafaa fi lafa teenna malee, wonni nuuf hafe tokkolle hin jiru.