Genesis 48:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Israeliini waan Yusufuuni jed'e, Anini taka waan fuula kanke deebie argu inseene, ammo amma Waaqi la ijoolle teetile na agarsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Israa'el Yooseefiin «Ani si arga jedhee hin yaanne ture; Rabbi ammo hortee keetuu na argisiise» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob, Yoseefiin, «Ani deebi'ee ijjumaa si dhagga jedhee hin yaadanne; amma Waaqi ijoollee teetiiyyuu na dhaggisiise» jedhe.