Genesis 50:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti Kanaani, ta lafa suni keesa teetu, boha suni oobdi Ataditi d'ageennaani waan jette, Worri Misiri kunini boha guddo bohuu jira; tanaafi fulla suni maqa Abel-Misiri baasani, akasi jechaani Boha worra Misiri jecha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni biyya san jiran, booya raasaa Axaadiititti booyan hennaa argan «Kun worra Misiriitiif booya gudda'a» jedhan; kanaaf maqaa hulee sanii «Abeel Mitsiraayim» jedhanii itti baasan; huleen sun Yoordaanosiin gama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri lafa Kana'aanii keessa le'anu bowicha namoota eeddummee Axaadii biraa dhagganee, «Worri Gibxi'ii bowiisa guddaa bowiisatti jiran!» jedhanee, maqaa addee sanii, «Abeel-Miizraayim» jedhanee baasane; hiikkaan afaan Ibrootaatiin, «Bowa worra Gibxi'ii» jechu'u. Addeen sun laga Yordaanosiitiin gamatti dhagganti.