Genesis 50:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
reefa isaa lafa Kanaaniti geesite goda Makpela, ka Mamreeni ilaboru, oobru Abrahamuuni Efroni gosa Hiti iraa bitate, keesati awaalte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
reeffa isaa gara biyya Kana'aanii fidanii goda maasaa Makfeela'aa keessatti awwaalan; lafti sunillee lafa Abrahaam ristii awwaalaatiif Eefroonii Keexotaa irraa bite ta Maammiree afo'ooti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ilmaan isaa reeffa isaa lafa Kana'aaniititti geessanee, goda awwaalaa ta fichaa Makfela'aa keessatti, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtutti awwaalane. Goda awwaalaa tana Abrahaam addee awwaalaa akka teetuuf Efronii namicha biyya Heetii irraa bitate.