Genesis 50:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan nuuni jed'e, Waan Yusufuuni jettani, Ch'ubbu duri nuu oboleyaani tante siti ch'ubbamne biraa nu deemi nuuni jed'e. Ammatana nu si kad'anna, ch'ubbu nuni hojattuuni Waaqaa abba keeti, siti ch'ubbamne biraa nu deemi jed'ani. Yusufuuni qonqo tana d'ageennaani bohe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Miidhaa obboleewwan tee sirra geessan isaanitti hin laakkayin siin jedheera› jennee akka sitti himnu nu ajajeera; kanaafuu yabo'oo yakka nu garboonni Waaqa abbaa keetii si irratti raawwanne maraa akka nuu dhiiftu si kadhanna.» Yooseef hennaa kana dhagaye hin booye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Yakkaa obboleeyyan teetiitii fi balleessaa isaan hujanee si miidhane, isaaniif lakkis› jennee akka sitti hinnu nutti himeera; tanaaf amma nu tajaajiltooti Waaqa abbaa keetii yakkaa nuuti si yakkine mara maganne'ee nuu lakkis!» jedhane. Yoseef yennaa ergaa tana dhage'e bowe.