Genesis 7:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan lubbu qaba, ka lafa gubba jira ch'ufa balleese — nama taanaani, bineensa taanaani, waan lafa ira lohule taanaani, ammalle simpirrele taanaani. Nuhufi waan isa woliini hobolo keesa jiru ch'allati hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti lafa irra jiru maruu nama irraa jalqabee haga waan lafa irra munyuuqanii, haga allaattii Samii irra bararanii maruu lafa irraa barbadaayan; worri du'a hafan Noohii fi worra markaba keessa isa woliin jiran calla'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi waan dadamee lafa irra le'u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe.