Genesis 7:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi torbaani toko bokaya jabaa rooba, ka halkanifi guyya afurtama garagari inch'inne, aka waan lubbu qaba, ka anini mid'aase ch'ufa, lafa iraa balleesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa torbaan maayii guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa lafa irratti rooba roobsee uumama maraa lafa irraa waan balleessuuf» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani guyyaa torbaan duuba guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkeenni akka roobu godha; dada lubbuu qabu ka ani dade mara lafa irraa haxowee balleessa!» jedhe.