Genesis 8:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo sabaliisi waan bisaani lafa ira imfoqatiiniifi, fulla tau d'abe, hoboloti deebie; Nuhuuni harka alati baafate fuud'e hoboloti deebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo bisaan lafa maraa waan dhosseeruuf hulee irra teettu dhabdee gara Noohii deebite; innillee harka hiixatee fuudhee markaba keessa seensise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo bisaan ammalle lafa duudii irra waan jiruuf, addee itti tee'u dhabee, gara hoboloo guddittii sanii deebi'ee gara isaa dhufe; inni harka ifii gad baasee qabee, hoboloo guddittii sanitti ol seensise.