Habakkuk 1:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo atini akami dandeete worra ch'ubbicha nama sosobu kana obsita? Ilti tante guddo qulqullo, dandeete hameenna ilaaltu, ammalle dandeete waan hamtu ilaaltu. Duuba atini maafi ch'allifta, ka ch'ubbichi tae nama isa ira d'uga gula deemu balleesu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijji tee waan qulqulluu taateef attamitti waan hamaa argitee obsita! atillee hennaa hujiin hamaan hojjatamu arguun sitti hin tolu; eeganaa worra dhibaa kanniin attamitti cadhiftee laalta? hennaa worri hammeeyyiin namoota isaan caalaa mimmishaa ta'an balleessu'uuf ka'an maaf cadhiftee laalta?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilti teeti guddoo qulluu waan teeteef waan hantuu ilaaliisaaf hin dandeettu; ati wonni hantuun hujantuun dhaggaa hin ossitu. Maarre maaf worra maltoole'etti cadhi jettee ilaalta? Worri hamaaleyyiin worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa liqinsanu maaf cadhitta ree?