Habakkuk 1:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri t'urura isaani aka waaqa kad'ate sorio baasaafi, wonti akanatiifi t'ururaa suni ira worri waan nyaate d'ugu argata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan siiboo ufii ka harkisanii ittiin baasan saniif qanani'iin nu jiraachise, nyaata addaa nu nyaachise jedhanii meeshaa ufii kanaaf ciincaa dhiyeessan; hixaanallee hin aarsaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf caccoo ifiitii fi waan ittiin kuufatanuun qananumma'aan waan le'anuuf, cacco'oof ciincaa dhikeessan; waan itti kuufatanuuf hixaana aarsan.