Habakkuk 2:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani qara badda Lebanoni ch'irtani, ammo ammatana isani ch'irani. Isani qara bineensa isii fitt'ani, ammo bineensi sunini isani mudamsiise lubbu isani naqa. Wonti woni kunini taatuufi, waan isani d'iiga namaa jissitani nama fitt'ani namafi dira worrale ch'ufa saamtani balleesitanifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Badiin ati Libaanositti fidde si irra gaya; badiin ati busaawaa irratti raawwatte si naasisa; sababaan wonti kun maruu si irra gawuuf waan ati nama ajjeeftee, biyyoota, qachootaa fi waan isaan keessa jiran maraa balleessiteef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati dhiiga namaa dhangalaattee, biyyaa fi qachoota, waan isaan keessa jiranulle waan balleessiteef, hunnaan ka'iis ati Libaanosi irratti kaate sitti garagalati. Balleessaan ati bineensota balleessitelle si hin bararassiti.