Habakkuk 2:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafad'i, wonti akanatiifi dubbini guutamu ingeenne; ammo yoi sunini fago injiru, wonti anini si garsiisu inguutamti. D'ufisi isaa hegeri, ato turele, inuma taha, ammo eeguma eegi; guyyaani sunini inuma d'ufa, inhanqatu, ammalle guddo inturu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaanillee mudhanni hennaa isaa murtaayee waan eeguuf, inni waan guyyaa raawwatamuu dubbata; sobni keessa hin jiru; yoma waan turu fakkaatellee eegi; dhugamaan guyyaan sun hin gaya; hin turulle'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille mudhiin tun yennaa itti muummottu eegatti; isiin marroo guyyaa muumme'ee dubbatti; isiin dharaa moti. Ta turtu fakkaattulle eegadhu. Dhugumaan hin dhutti; hin turtulle'e» jedhe.