Habakkuk 3:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, anini huji tante ya d'agaye, duuba guddo iraa mame si sodaad'a. Waan jabdu atini duri tolchite amma guyya keenna keesale tolchi. Ato atini dallantele, nu qaabad'u, nuu nahi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! ani hujii maalale'ee ka ati hojjatte maraa dhagayee guddisee sodaadhe; ammallee bara keenna kana keessatti hujii kee ka durii deebi'ii hojjadhu; bara marattuu akka beekkamu taasisi; hennaa loltullee araara kee nu irraa hin fageessin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa kiyya, hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe; ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji; bara kennalle'etti akka beekkantu godhi; yennaa aartulle nu mararfadhu.