Haggai 1:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini layu oola lafati buuse, gaareeni taanaani, mid'aani taanaani, daad'i taanaani, d'ad'a taanaani, waan lafti baaftu ch'ufa, namafi horilee, ammalle huji teesani ch'ufa, ya oola iti buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani sababaa kanaaf gaarran irratti midhaan, woyinii'i, sayitii'i, waan lafti biqilchitu maraa, namoota, busaawa'aa fi bu'aa hujii isaanii maraa irratti caama fida.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani lafa irratti, kooba irratti, midhaan irratti, muka woyni'ii irratti, muka ejersaa irratti, waan latti baattu duudii irratti, nama irratti, hori'ii fi waan harki keessan huje duudii irratti, oolaa fideera» jedhe.