Haggai 1:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani mid'aani guddo kajeeltani ammo waan diqooni baatani. Duuba yo isani worratiini galtanile, anini isani duraa balleese. AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Maafi akana? Wonti akanatiifi Mani kiyya ya hot'ae, ka isani namu mana keesani mid'aafattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin midhaan heddu galfatu'uuf karoorfattanii turtan; ammo diqqoma san gara manaa hennaa galfattan ani waan afuufeef hin bade; wonti ani waan kana godheef maali'iif isinitti fakkaata? wonti ani waan kana godheef isin keessaa namni maruu mana ufii bareechisee ijaarata'aa manni kiyya woyyuun diiggamee waan hafeef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin bacaa galfanna jettanee yaadattane; ammoo diqqaa galfattane. Waan isin galfattane sanuu, ani afuufee balleesse. Ani maaf tana godhe seetan? Galmi kiyya diigameeruun, isin martinuu mana keessan ijaaratiisaaf olii gadi waan fiiddanuuf tun teete.