Haggai 2:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami guma fooni ka Waaqaa kobaa kayani fuud'e handaarati hid'ate, handaari suni qit'a yokhaani fuuto yokhaani daad'i yokhaani d'ad'a yokhaani sagale taatefu tuqe, handaari suni sagale suni aka ta Waaqaa kobaa kayani taani intolcha? Qaaloleeni taani, Hiyo jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fakkeennaaf namni tokko foon woyyoome hulee ciinca'aatii fudhatee uffata ulfinnaa ka uffataniin maree uduu qabatee uffata; buddeena, ittoo, daadhii woyini'iitii fi sayitii ejersaa yookaan nyaata kamiinuu uduu tuqee wonti nyaatan sunniin maruu sababaa nama saniitiif ka woyyoome ta'uu danda'aa? isaaniin jedhi» jedhee itti dubbate; akkaataa kanaan raattichi haga isaan gaafateen maayessa «Gadoonni ka woyyoome ta'uu hin danda'u» jedhanii deebisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko foon woyyoome addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe. Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane.