Haggai 2:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani keesa nami Mana kiyya kana aka inni duri mid'aagu arge jira? Amma yo laaltani akami jira? Woma tokole isaniti fakaata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ulfinni Mana Woyyumma'aa dur attam akka ture isin keessaa namni laale jiraa? adha ammo ka maal ta'eeru arga'aartan? wonti kun isin bira akka hin jirretti ka laallamuu miti?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii?