Hebrews 1:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
atini aka woya isi woli ira dachaafta, isiini aka woya jijiramti. Ammo atini kanuma, haguma jirtu inuma jirta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
atin akka ubbaaraa warra wal irra dachaafta, warriilleen akka wayaa jijjiirama. Atin ammoo haguma jirtu hinjaartuu kaanuma” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammo sanuma; woggoonni kee sirimaa hin dhumatu» jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammoo sanuma; woggoon kee sirimaa hin dhumatu» jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka waan marataa titti'llee isaan ni martta, isaan'llee akka uffataa titti ni jijjiiraman. Ati garuu yeroo maraa sanuma, barri kee'llee muummee hin qabu» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.