Hebrews 1:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
amma ammoo, bara eegee kana keessa, la ilma isaatiin nutti dubbate. Waaqii waan gubbaa jiraa cufa isaan uume akka gaafa muummee innii waan cufa dhaalu, isa foohate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
bara dhumaa kanatti ammo karaa ilma ufii ka waa maraa harka isaa jala galchee fi ka adunyaa ittiin uumeen nutti dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo bara maayi'ii kanatti Ilma ufiitiin nutti dubbateera, Ilmi isaa kun ka inni akka waa maraa dhaalu godhee muudee fi ka inni ittiin adunyaa uume.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.