Hebrews 1:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ibseen guddinna Waaqaa isa irraa ibsiiti akkuma Waaqii jiru inniilleen jira, dubbii isaa ta jabeenna qabduun waan uumame cufa inbaata yokaan olqaban. Innii eegii cubbuu nama irraa qulqulleesse, guddinna Waaqaa ka gara mirgaa gubbaa taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ka ulfinna Rabbii calanqisiisuu fi fakkeenna sirrii ka amala isaa ta'ee dubbii ufii jaba'aan maraa irkisee qabeera; haga cubbuu qulqulleesseen maayessa sami'itti gaachena ulfinna isaa mirga taa'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.