Hebrews 1:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, “Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera” yookiin eennuun, “Ani isaaf Abbaa hin te'a, inille ilma anaaf hin te'a” jedhee beeka?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Waaqi taka yoomi malaika tokoleeni akana jed'e, Atini Ilma kiyya; anini arra yayu abbaa sii tahe. Yokhaani ammalle, Anini abba isaa tahe, inni Ilma naa taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii yoom takka ergamtoota gubbaa tokkolleen, “Atin ilma kiyya; anin ardha laayyuu si dhalee” yokaan eenuun, “Anin abbaa isaa ta'ee, innii ilma naa ta'e” jedhe?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a; innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya, ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a, innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni gonkumaa maleyikkoota jiddu'uu, «Ati Ilma kiyya, adha si uumadhee jira», yookiin, «Ani Abbaa isaaf ni ta'a, inni'llee ilma kiyya ni ta'a» ka jedhe, eennuun?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera» yookiin eennuun, «Ani isaaf Abbaa hin te'a, innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka?