Hebrews 1:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, “Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle gaafa Ilma angafa lafaani d'ufe inni waan jed'e, Malaikaani Waaqa ch'ufti ha isa guddiftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ammallee gaafa ilma isaa angafa waan cufaa lafaan dhufee, “Ergamtootii Waaqaa cuftii ha isaa sagadduu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, «Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.