Hebrews 10:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, bifa dhugaamessa isaatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri Yahudi fakeenna dansa ka waan d'ugaatiniti. Ammo inni gandidu waan dansa ka hegeri d'ufu ch'alla. Sorio takati ganna ch'ufa qalani baasani. Seeri yoosi akami dandae, sorio tanaani, worra Waaqati d'ufu qulqulleesa?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seerii Yihudii fakkeena dansaa waan gubbaa jirutiimitii, ammoo seerii sun gandidduu waan dansaa hegerii dhufu callaa, sooriyoo takkatti ganna cufa qallanii baasan. Seerii yoos akkam dandaa'ee, sooriyoo tanaan, warra Waaqatti dhufe qulqulleessa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirima guutuu taasisuu hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee, bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirimaa guutuu taasisuu hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Seerri ufi durana waan dhufu misha'aaf fakkeenna (gaaddisa) malee bifa isaa ka dhuga'aa hin turre, kanaaf woggama wogga'aan yeroo maraa ka kitimaawwan qabatanii gara Waaqaa namoota dhiyaatan, muda maleessota isaan taasisu'uuf gonkumaa hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.