Hebrews 10:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqeffatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo worra Waaqa kad'atu aka dansa daba iraa qulqulleesani, worri sila iti deebie daba ufirati inargu, sorio ch'ufa sila illakisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo warra Waaqaa kadhatu akka dansaa cubbuu irraa qulqulleessan, warrii silaa itti deebi'ee cubbuu ufi irratti hinargu, sooriyoo cufa silaa inlakkisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana uduu ta'uu dhabaatee worri waaqeffatan hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyeessuu hin dhiisanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana uduu ta'u dhabaatee worri kaddaaman hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyyeessuu hin dhiisanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Seerri muda maleessota isaan taasisu'uuf uduu ka dandda'uutii namoonni Waaqeffanna'aaf dhiyaatan haala irra deebii hin qabnneen, cubbuu irraa waan qulqullaayanii fi cubbuun'llee akka isaanitti hin sammuu isaanii titti isaanitti waan beekkamuuf, kitimaa dhiyeessuu ni dhiisan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.