Hebrews 10:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhuugeeffannaa dhugittii qabannee, koowa'a gara Waaqaa dhikaanaa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Koota yoosi, Waaqati d'iaanna, garaa d'ugatiifi ka d'ugefachatiini, garaa herega hameenna ira qulqulleesaniifi nafa bisaani qullooni d'iqaniini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoos koottaa, garaa dhugaatii fi ka dhugeeffachatiin, yaada hammeennaa irraa qulqullaa'aniin nafa bisaan qulqulloon dhiqaniin Waaqaatti dhiyaannaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantii hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantaa hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf sammuu hamaa irraa akka qulqulloofnnuuf onnee teenna fiicaminnee, qaama keenna'llee bishaan Qulqullu'uun miicannee, onnee qajeelttu'uu fi amanitii dhuga'aa qabannee gara Waaqaa haa dhiyaannuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa'a gara Waaqaa dhikaannaa.