Hebrews 10:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa mee lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabbataa waan kana irra caalaa godha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wolwoldeenna lakisu himmalle, aka nami gari tolchu jiru. Ammo woljabeesiinna, wonti akanatiifi aka guyyaani Aabbo d'iaatu argu jirtani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka namii garii tolchuu jiru, walwaldeena lakkisu hinmallee, ammoo waan akka guyyaan Aabboo dhiyaatee argittaniif waljabeesinaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma kaawwan biratti baratame, wol geettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
yeroo maraa ufii keennaa wol geennee wol haa jabeessinu malee, tokko tokko akka raawwachuu baratan wol gayuu keenna dhiisuu hin qabnnu, gonkumaa guyyaan dhufaatii Goofta'aa dhiyaachuu isaa yaadachu'uun, waan kana caala'atti raawwadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha'a.