Hebrews 10:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaan achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi sorioni tokoleeni amma dandeete daba nuraa imbaaftu, yo nu beekha daba tolchine, eegi d'uga nuti himani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Egii dhugaa nutti himaniin duubatti yo nu beekaa cubbuu hojjanne, sooriyoon tokkolleen dandeettee cubbuu nurraa hinbaaftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga beekkumsa dhuga'aa arganneen maayii beeka'aa yoo cubbuu hojjanne ammaa achi ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Beekkomsa dhuga'aa haga arganneen maayii, beeka'aa cubbuu yoo hojjanne, ammaa achi, ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugaa eega beekineen duubatti ta'e jennee cubbuu yoo hojjanne, ammaa achitti kitimaan waayee cubbuutiif dhiyaatu woyiituu hin qabaannu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru.