Hebrews 10:32 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhantoo guddo'oon ossattane san qaabbadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka isani duri jirtani qaabad'a. Gaafasi, eegi ifsaani Waaqa isaniti ifse, isani guddo gaargaltani, ammo gaargali suni isani indabsanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka isan durii jirtan qaabadha. Gaafas eegii ibsee Waaqaa isanitti ibsite, isan guddoo gaargaltan, ammoo gaargalii sun isan hindabsanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa dur rakkinni isin irra gaye san qaabadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa duri rakkinna isin irra gaye san qaabadhaa'a. Isin hennaa tokko tokko nama afo'otti arrabamtaniirtan, dhiphattanii hennaa biraallee worra akkana rakkatan woliin rakkattaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ifin eega isinii ifeen duubatti rakkinna baayi'ee fudhattanii guyyoota itti obissitan sanniin yaadadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhaantoo guddo'oon ossattane san qaabadha'a.