Hebrews 10:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, “Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaraa fiit'e inni waan jed'e, Atini soriofi waan Waaqaa baasaniifi yokhaani sorio gubaniifi sorio daba baaftu imfeetu, isiini si ingammachiiftu. Inni waan kana, ato sorio tana Seera gula baasanile jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaraa fiixee innii waan kana adoo sooriyoo tana seera gula baasanillee, “Atin sooriyoo fi waan Waaqaa baasan yokaan sooriyoo gubaatii fi sooriyoo cubbuu baaftu hinfeetuu, isiin si hingammachiiftu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana irratti, «Kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne; isattillee hin gammanne» jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana irratti kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne. Isattillee hin gammanne jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee jalqabatti isaan akkaataa seeraatiin labissaman yoma ta'e'llee «Kitima'aa fi kennaan Mana Waaqaa, kitimaan gubatuu fi waayee dhiifama cubbu'uutiif kitimaa kitimamu hin barbaanne, isaanitti'llee hin gammadinne» jedhe,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe.