Hebrews 10:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Itti dabaleelle, “Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera” jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan jed'e, Anini kuno aka waan atini feetu ch'ufa tolchu. Tanaafi Waaqi sorio duri ch'ufa balleese, sorio Kristo fulla isii kaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii, “Anin kunoo, akka waan atin feetu cufa tolchuufi dhufe” jedhe. Tanaaf Waaqii sooriyoo durii cufa ballessee, sooriyoo Kiristoo fulaa kaaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammeesso'oo ijaaru'uuf jedhee ka duraa diiga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammaffa'aa ijaaru'uuf jedhee, ka duraa diiga.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
itti aanssee'llee, «Kunoo, ani fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira» jedhe, haala kanaan kitimaa bifa lammaffaa bakka buusu'uuf, kitimaa bifa jalqabaa diigee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.