Hebrews 11:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, “Dhuguma hin te'a” jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti lakkowiisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefacha jechaani aka waan heregataniifi waan ilaani ingarre d'uga iti qabaatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugeeffachaa jechuun waan abdatani “Dhugumaa inta'a” jedhanii fudhatanii, waan ilaan hingarreellee “Injirti” jedhanii herregu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amantiin waan abdatan, «dhuga'aan hin ta'a» jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amantiin waan abdatan dhuga'aan hin ta'a jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amantii jechuun abddi'iin waan eeggamu, «Ee, dhugaanuu ni ta'a» jechu'uun fudhachu'u, waan ijaan hin argaminne'llee akka waan argamuu taasisanii laakkayu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te'a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa.