Hebrews 11:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini ch'ufti d'ugefacha keesa due. Waan Waaqi lafa keesa worraa kakhate inarganne, ammo fagoti argani heregatani, ammalle, Nu keessuma baqa yaatu jed'ani diideesani himani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kunin cuftii adoo waan Waaqii lafa irraatti warraa kakate argachuu baateellee adoo dhugeeffachaa ufii hindhiisin dhume; waan kakataniif sun ammoo fagootti argee herregate, ammallee “Nu keessummaa yaatu” jedhee diideesse hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin maruu amananii du'an; garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haa ta'uu ammo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin maruu amananii du'an, garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haata'uu ammoo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunniin marrinuu amanti'iin uduu jiran ni du'an, Waaqinni isaanii kennu'uuf waan waadaa isaanii aseene hin arigganne, garuu fago'oo arganii akka waan argataniinii taasisanii gammachu'uun ni fudhataniin. Arddii irratti keessummootaa fi galttoota ta'uu isaanii'llee ni hubatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu.