Hebrews 11:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuni, ato diquma induiini, d'ugefachaani waan godaanna gosa Israeli lafa Misiri keesaa dubbate, waan reefa isaa tolchanile hime.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoseef adoo hidu'iniin duratti dhugeeffachaan waan godaanna gosa Israa'eli ta lafa Gibxii keessa godaantuu dubbatee, waan reeffa isaa tolchannille hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Israa'elii amanti'iin qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Isiraa'elii amanta'aan qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yooseef'llee yeroon itti du'uu yoo dhiyaatu Israa'eeloonni biyya Gibixiitii akka bayaniif ka dubbate, waayee lafee isaa'llee maal raawwachuu akka qaban ajaja ka kenne, amanti'iin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.