Hebrews 11:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni worra Waaqaa woliini gaargalu fed'e, fulla haga diqa toko dabaani gammadu ira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii fulaa haga diqqaa tokko cubbuun gammadu irraa warra Waaqaa waliin gaargalu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra, waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef, gammachuu cubbu'uun henna'aaf argamu caalaa, banii Rabbii woliin rakkachuu filate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kanaaf'llee inni gammachuu cubbu'uun argamu ka yeroo irra, ummata Waaqaa woliin rakkinna fudhachu'uuf ni filate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate.