Hebrews 11:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Guddittii Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachaani gochiti Israeli galaana Shamu, aka lafa goddu, taakite; ammo gochiti Misiri taaku feenaani bisaani liqimsani hobaasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gochii Israa'elii dhugeeffachaan Galaana Diimaa, akka lafa godduu taakkitee; gochii Gibxii ammoo taakkuu feenaan bisaan liqimsani hobbaasan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanti'iin ceeyan. Namoonni Misirii ammo hennaa ceeyuu yaalan hin liqimfaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanta'aan ceyan. Namoonni Misirii ammoo hennaa ceeyuu yaalan hin liqinfaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isra'eloonni akka waan arddii gogeettii irra ce'an ta'anii garba ciisaa diimaa ka ce'an amanti'iin, worri Gibixootaa garuu akkuma kana raawwachu'uuf yeroo yaalanitti, marrinuu bishaaniin ni liqimfaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.