Hebrews 11:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartooti firoottaan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni d'ugefachaani nama iraa due, ka duisa keesaa kaasani, argatte. Nami gari, Nu galakisa jechu dide, duuba gaargalchani ijeesani, aka jireenna ira dansati kaasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen nama qara irraa du'e, ka du'a keessaa kaasan, dhugeeffachaan argatte. Namii garii akka jireenaa irra dansaati kaasan argatuuf gargala foo'atee mana hidhaansaati, “Nu galakkisa” jechu diddee, gaargalchani ijjessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoonni isaanii worra isaanii ka du'aa ka'an arganii isaan simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Firoota isaanii ka dubarttoonni jalaa du'an, du'aa ka'anii isaan ni argatan, kuunniin'llee du'aa ka'iinssa caalu argachu'uuf yaadanii rakkinna gara garaa ni fudhatan, hidhama irraa'llee bilisa ta'u'uuf hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti firoottan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane.