Hebrews 11:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin adde lamatti baqaffamane; goraade'een ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'akhaani d'aanani gargari ch'irani, sheeftiini fit'ani. Goga hooliyetiifi ka laleesa hid'atani, hiyyoomatani, d'ipatani gaargalchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhakaan bobborossani, fulaa lamatti gargari, falansani goraadeen hobbaasani, Gogaa holiyyetii fi ka re'ee hidhatan, hiyyoomatanii, dhiiphatanii, gargaratti gaargalchan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaga'aan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraade'een du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhagaan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraadeen du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
dhaga'aan ni woqaraman, nyaat-mura'aan ni baqaffaman, billayaan'llee ni ajjeefaman, kaldhoo hoola'aatii fi re'ee'llee uffatanii asii fi achi ni deeman, hiyyeeyyi'ii fi koolu-galaa galttoota ta'anii ni raantayan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin addee lamatti baqaffamane; shallaaga'aan ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane.