Hebrews 11:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti worrati had'oofti! Aka nama baqatu lafa gamoojitiifi gaareeni gubba yayaani, godafi boola keesa bulani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii warratti hintolle! Akka nama baqatu lafa gammojiitii fi gaarren gubbaa yaa'an, godaa fi boola keessa bulan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammoojji'iitii fi gaaratti; kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammojji'iitiif gaaratti kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
gammoojji'itti, gaaratti, arddii keessa godoota jiranii fi ededoota'llee ni naanayan. Bifa kanaan'llee biyyi lafaa isaaniif bakka malu taatee hin argaminne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.