Hebrews 11:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abeeli dhugeeffachaan sooriyoo Qaayin irra dansaa Waaqaa baase. Waaqii Sooriyoo isaa fudhate la isaa dhugeesse; marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii; “Nama qajeelaa” isaan jedhe, innii adoo du'eellee karaa dhugeeffachaa isaatiin haga ardhaallee dubbachuu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aabeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanti'iin Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Aabeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Aabeel amanti'aiin qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'ellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abeel kitimaa Qaaye'lii ka caalu Waaqaaf ka dhiyeesse amanti'iin, Waaqinni kennaa Abeel Mana Waaqaatiif dhiyeesse gammachu'uun yeroo fudhatetti, Abeel amanitii isaatiin qulqullaawomaa ta'uun isaa ni ragaayeef, Abeel yoma du'e'llee karaa amantii isaatiin, amma'llee dubbata'aa ni jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira.