Hebrews 11:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Heenok akka duuti isaa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiseeru dhugaan bayameeraaf.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachati Henoko duu d'owe. Fulla Waaqa isa geesani nami isa argu dad'abe, waan Waaqi isa gubbati olgeeseefi. T'aafiini, ato isa gubbati olingeesiini, inni Waaqa gammachiise jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Henok akka du'aayyuu ilaan hingarre dhugeeffachaan gara Waaqaa olfudhatame; waan Waaqii isa gubbatti olgeesseef namii isa argu dadhabe. Adoo isa gubbatti olhingeessin barreessiin, “Innii Waaqaa gammachiise” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heenook akka hin duune amanee amanti'iin gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heenook akka hin duune amaneeti amanta'aan gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heenok duuti isa irra akka hin geenneef gara olii ka fudhatame amanti'iin, Waaqinni waan isa fudhateeniif'llee hin argaminne, uduu hin fudhataminiin duratti ammoo Waaqa akka gammachiise, rageefameefii jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heenoki akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiiseeru dhugaan bayameeraaf.