Hebrews 11:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Noh marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sabaaba dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchumaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachati Nuhu gorsa Waaqa ka ilaani ingarre, ka hegeri taha, d'ugefachiise. inni dubbi Waaqa ch'aqase, hobolo ta keesati isaafi worri isaa bahe ijaare. Kara kanaani inni wollaala lafati mure, d'uga d'ugefachaani d'uftu argate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nohi dhugeeffachaatti gorsa Waaqaa ka ilaan hingarre, ka waan egerii tahaa hinbenne, dhugeeffachiisee, innii dubbii Waaqaa caqasee, hoboloo isaa fi warrii isaa keessatti bahe jaaree, karaa kanaan innii balleessaa lafaatti muree, qajeeluma dhugeeffachaan dhuftuun argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Noohi waan haga ammaa hin mudhanne amanti'iin hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanti'iin hojjate. Sababa amantii isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanti'iin argamu dhaale.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma'llee waayee wonittoota ijaan hin muldhaneetiif Waaqinni yeroo ufi eeggachiiseentti Noohi Waaqa sodaachu'uun, maatii isaa fayyifachu'uuf doonii ka hojjate amanti'iin, amantii Noohiitiin'llee biyyi lafaa cubbamaa ta'uun beekkamee itti ni murtteeffame, Nohi'llee qulqullaawoma amanti'iin argamu ni dhaale.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale.