Hebrews 12:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala teenna naannessane tana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro nami hedduuni aka dumansa nu marse nu laalufi, nu ulfinnafi daba jabeese nu qabu ufiraa baamne, d'ogoomsu nu dura tana aka d'iira oriu malle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo dhugaan hedduun akka dumansaa nu marsituuf, nu ulfinnaa fi cubbuu jabeesite nu qabdu ufi irra baamnee, dorgomsuu nu duraa tana obsaan akka dhiira orii'uu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa raattota hagana gayan naannaya kenna eega nuu jiraatan nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.